Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii 7ffaa taa'aa jiruun wixinee labsii qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi'uun gurmaahee dhihatee raggaasiseera.
Kanumaan wal qabatee Hogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo ibsa kennaniin Caffeen Oromiyaa murtee seenaa qabeessa fayyadamummaa uummata keenyaa murteessuu kaasuun, wixineen labsii qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi'uun gurmaahee har'a Caffeen ragga'e kun qindoomina qaamolee mootummaa kan cimsu ta'uu dubbataniiru.
Riiformiin seeraan kan deeggaramee fi aangoo gadi buusuuf kan kaayyeffate ta'uu himuun, Godinaaleen kanaan dura 21 turan gara Godinaalee 6 caaseffamuu himaniiru.
Godinaaleen kunneenis;
1. Godina Baha Oromiyaa
2. Godina Giddugala Oromiyaa
3. Godina Lixa Oromiyaa
4. Godina Kibba Oromiyaa
5. Godina Kibba Lixa Oromiyaa
6. Godina Kibba Baha Oromiyaa ta'uu dubbataniiru.
Caaseffamni kunis mootummaa fi uummata sirnaan kan walitti dhiheessuu fi kenna tajaajila mootummaa kan si'eessu ta'uu ibsaniiru.
Maddi: Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa