Barbaaduu

“Guyyaan Har’aa Finfinneef Bara Haaraa fi Bu’uura Jijjiiramaati” - Kantiibaa Adaanach Abeebee

Sep 30, 2026

Manni Marii Magaalaa Finfinnee yaa’ii jalqabaa marsaa 4ffaa taa’aa jiruun Aadde Adaanach Abeebee irra deebiidhaan Kantiibaa Magaalattii gochuun moggaaseera.
Irra deebiidhaan Kantiibaa Magaalattii ta’uun kan moggaafaman Aadde Adaanach Abeebee, guyyaan har’aa muudama qofa osoo hin taane, imaanaa hawaasaa irra deebiin fudhachuuf guyyaa bu'uuraa fi jalqaba bara haaraa ta'uu dubbatan.
Imaanaa guddaa isaanitti kenname haqummaa, amanamummaa fi kabajaan raawwachuudhaan jiraattota magaalattii hunda qixaan tajaajiluufis waadaa seenaniiru.
Magaalaa Finfinnee hundi qixa irraa fayyadamaa itti taatu, jireenyaaf mijattuu fi akka maqaa ishee miidhagduu taate caalmaatti ijaaruuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Hayimaanot Kabbadaatu qindeesse