Barbaaduu

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Xiyyaarota Kaargoo Booyingi 777 Kudhan bituuf waliigaltee mallatteesse

Sep 30, 2026

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gabaa Kaargoo idil-addunyaa keessatti dorgomtummaa isaa caalmaatti cimsuuf Xiyyaarota Kaargoo Booyingi 777 Kudhan bituuf waliigaltee raawwateera.
Waliigaltee kana Hogganaa Ol’aanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasawuu fi Pirezidaantii ol’aanaa itti aanaan Daldala fi Gabaa Booyingi Biraad Maakmulaa Finfinneetti mallatteessaniiru.
Xiyyaarota kurnan bitaman keessaa 8 dandeettii ol’aanaa kan qaban B777-8F ta’uun isaanii waliigalticha adda taasisa.