Itoophiyaan yeroo itti sadarkaan guddina ishee raawwii fi bu'aadhan madaalamu keessa jirti.
Sadarkaa addunyaatti ciminni biyyaalessaa dandeettii pirojeektota Aviyeeshinii fi misooma bu'uuraalee qulqullinaan, teeknooloojii ammayyaatii fi saffisaan raawwachuun madaalamaa dhufeera.
Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu ijaaramaa jiru kunis Itoophiyaan pirojeektota gurguddoo qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf dandeettii dhaabbatummaa guddifachaa jiraachuu ishee kan agarsiisudha.
Waggaatti imaltoota miiliyoona 100 keessummeessuudhaan dandeettii Buufata Xiyyaaraa Boolee dachaan dabala; Itoophiyaas wiirtuu Aviyeeshinii Afrikaa adda duree taasisa.
Tarminaalota Kaargoo, hoteelota, wiirtuulee daldalaa, tajaajila suphaa fi geejjiba saffisaa of keessatti qabata.
Ergaa Abaaboo, Kuduraa, Muduraa fi bu'aalee Beelladaa saffisiisuun daldala abbootii qabeenyaa babal'isa; yaa'insa tuuristootaa fi gabaa sharafa alaa cimsa.
Harkifannaa fi baajata dabalataa kanaan dura turan hambisuun, aadaa raawwii saffisaa fi qulqullinaa akkuma guddina Kooridarii fi Maaddiif' irratti mul'ate calaqqisiisa.