Jala bultiin Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee bara 2017 Kutaa Magaalaa Gullalleetti mata duree "Irreecha:- Waliigaltee Biyyaalessaaf" jedhuun Magaalaa Finfinnee, kutaalee magaalattii garaa garaatti haala miidhagaan kabajamaa jira.
Hogganaa ol’aanaan Kutaa Magaalaa Gullallee Obbo Waldee Wogasee, ayyaanni Irreechaa mallattoo tokkummaa, jaalalaa, nagaa fi ibsituu waloomaa ta’uu dubbataniiru.
Sagantaan jala bultii kun duudhaa fi aadaa Oromoo dhalootaa dhalootatti dabarsuun hubannoo uumuu dabalatee abdii egeree fi jaalala cimsuuf kan qophaa'edha.
Hogganaa Itti Aanaan Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee Obbo Nigaatuu Daanyaachoo, Irreechi ayyaana galateeffannaa fi mallattoo walitti dhufeenya uummataa, uumaa fi uumamaa ta’uu ibsaniiru.
Hoggantoonni, dargaggoonni, maanguddoonni, dubartoonni fi daa’imman bifa adda addaatiin hirmaachuun ayyaanicha haala miidhaginaan simachuuf qophii gahaa taasiisaa jiru.