Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ji’oota Hagayyaa fi Fulbaanaa keessa dameewwan ashaaraa magariisaa, hawaasummaa, bulchiinsaa, eebba pirojeektotaa fi dippiloomaasiitiin hojiiwwan gurguddoo raawwataniiru.
Hojiiwwan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) raawwatan kunneenis:
Dippilomaasii fi Tumsa Idil-Addunyaa:
Baankii Biyyaalessaa fi ‘IFC’ waliin waliigaltee manneen jireenyaa miiliyoona 1.5 dhiheessuuf gargaaru mallatteessaniiru.
Yaa’ii ‘BRICS’ 18ffaa irratti hirmaachuun hoggantoota biyyoota adda addaa waliin mari’ataniiru; imala Daldala Addunyaa (WTO), COP32 fi deeggarsa ‘ICAO’ argataniiru.
Jibuutiitti Pirezidaantii Ismaa’el Omar Geellee fi Aliikoo Daangotee waliin sarara ujummoo boba’aa Dawwaallee –Daarmajoog (kiiloo meetira 120) eegalchiisaniiru.
Keeniyaatti sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu Pirojeektii boba’aa Calaluu Laamuu irratti hirmaataniiru; akkasumas Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammudiin Finfinneetti simataniiru.