Barbaaduu

Mootummaan Ida’amuu Haaraan Har’a Hundeeffama

Oct 05, 2026

Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itoophiyaan filatte hordofee har'a Mootummaan Ida’amuu haaraan ni hundeeffama.
Akkataa Heera Mootummaa Keeyyata 50 Keeyyata Xiqqaa 3tti, qaamni aangoo ol’aanaa Mootummaa Federaalaa Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa yoo ta’’u, itti waamamni isaas uummata biyyattiitiifi.
Akkasumas akkuma Keeyyata 58 Keeyyata Xiqqaa 2 keessatti kaawwamee jirtutti, barri hojii Mana Marii kanaa torban xumuraa ji'a Fuulbaana Guyyaa Wiixataatti kan jalqabu ta'uu isaatiin, sirni ijaarsa mootummaa haaraa har'a raawwatama.