Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, Itoophiyaan madaala laga Abbayyaa fi harki caalaan bishaanichaa ammoo bakkeewwan olka’aa Itoophiyaa irraa kan maddan ta’uu hubachiiseera.
Itoophiyaan Laga Naayiliif bishaan dhibbeentaa 85 gumaachiti.
Kanaafuu dhimma itti fayyadamaa fi bulchiinsa laga Abbaayyaa ilaalchisee mariin mari’atamu kamiyyuu dhugaa kana giddugaleessa kan godhate ta’uu akka qabu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen hubachiiseera.
Haaluma walfakkaatuun Galaana Diimaa irratti dhugaan lafaa fi seenaa qabdu humna kamiinuu jijjiiramuu kan hin dandeenye ta'uu Ministeerichi beeksiseera.
Dhiibbaan siyaasaa, tattaaffiin tasgabbii dhabamsiisuu fi tarkaanfiin bakka bu'ootaan (proxies) fudhatamu dhugaa lafaa fi faayidaa seeraa Itoophiyaa naannicha irratti qabdu sarbuu hin danda'u.
Itoophiyaan birmadummaa fi fedhii biyyaalessaa ishee eegachaa, hariiroo nagaa fi ollummaadhaan qormaata naannichaa kan tokko fayyadamee tokko ammoo itti miidhamu (Zero-sum game) irraa fagaachuudhaan marii fi waliigalteen furuuf waamicha dhiheessuu ishee Ministeerri Dhimma Alaa hubachiiseera.