Walgahii waliinii Manni Marii Bakka Bu’oota Uummataa fi Manni Marii Federeeshinii taa’an irratti Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee haasaa baniinsaa taasisaniiru.
Pirezidaantichi akka ibsaniitti, miseensonni Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa aangoo uummanni itti kenne karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuudhaan seera Itoophiyaa gara fuulduraatti tarkaanfachiisu akka baasan dhaamaniiru.
Akkasumas Manni Marii filatame kun rakkoolee uummataa furuuf, nageenya waaraa mirkaneessuuf, akkasumas faayidaa uummataa fi biyyaalessaa tiksuuf itti gaafatamummaa ol’aanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan karoora waggaa 10 kaawwame bu’uura godhachuudhaan hojiiwwan qabatamaa hojjechuun uummata fayyadamamaa gochuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu Pirezidaanti Taayyeen ibsaniiru.
Guddinni dinagdee biyyattii keessatti galmaahaa jiru karoorri misoomaa fi badhaadhinaa qophaahe bu’aa qabaachuu isaa kan agarsiisu ta’uu eeran.
Dabalataanis, hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan uummataa daran cimuun isaa guddina galmaahaa jiruuf gahee ol’aanaa qabaachuu Pirezidaantichi dubbataniiru.