Barbaaduu

“Waggoota shanan darban misooma bu’uura itti fufiinsa qabu hojjetame cimsanii itti fufsiisuun barbaachisaadha” - Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee

Oct 06, 2026

Manni Marii Bakka Bu’oota Uummataa fi Manni Marii Federeeshinii walgahii waliinii taa’aniiru.
Walgahii kana irratti Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee, waggoottan darban keessa hojiiwwan guddina dinagdee fi misooma bu’uuraalee hojjetaman caalaatti cimsachuun hojiiwwan jalqabaman itti fufsiisuuf yeroo ammaa kana ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas Manni Marii filatame kun rakkoowwan uummataa furuuf, nageenya waaraa mirkaneessuu fi faayidaa uummataa fi biyyaalessaa tiksuuf itti gaafatamummaa ol’aanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.
Mootummaan faayidaa biyyaalessaa waaraa mirkaneessuudhaan badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu Pirezidaantichi ibsaniiru.
Kana malees mootummaan bulchiinsa gaarii ammayyeessuu, omishaa fi omishtummaa guddisuu, qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu, tajaajiloota barnootaa fi fayyaa babal’isuu, misoomawwan bu’uuraa babal’isuu fi nagaaf tasgabbii hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo godhatees hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Hayimaanot Kabbadaatu qindeesse