Misoomni Kooriidarii Magaalaa Shaggar Eekkaa Xaafootti hojjetamaa jiru bifa magaalattii jijjiiruu bira darbee haala jireenya jiraattotaa fooyyessaa jira.
Lafa kanaan dura gataa balfaa fi dukkana ture gara Paarkii miidhagaa fi ammayyaatti jijjiiruun danda'ameera.
Hogganaan Mana Qopheessaa Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo obbo Dastaa Waarituu, lafti kanaan dura uummata biratti lagatamaa ture kun amma Paarkii qarqaraa ammayyaa uummataaf boqonnaa kennu ta’ee tajaajilaa jira jedhan.
Paarkiin misooma kooriidarichaan hojjetame kun kaaffeewwan, mana dubbisaa, bakka tapha daa'immaniifaa of keessaa qaba.
#MootummaaIda'amuu