Barbaaduu

Ministirri Dhimma Alaa Indiyaa daawwannaa hojiitiif Finfinnee dhufaniiru

Oct 09, 2026

Ministirri Dhimma Alaa Indiyaa Subraahimaaniyaam Jaayishaankaar (PhD) daawwannaa hojiitiif kaleessa galgala Finfinnee dhufaniiru.


Ministirichi Buufata Xayyaara Idil-Addunyaa Boolee wayita gahan De’eetaa Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeetiin simatamaniiru.

Daawwannaan Ministirichaa hariiroo fi tumsa hundaa galeessa biyyoota lamaanii barootaaf ture sadarkaa ol’aanaatti kan ceesisu mariiwwan bu'aa qabeessi kan itti mari’atamuu ta'uu Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaaye ibsaniiru.

Ministirichi isaanii Itoophiyaa Kanaan, hoggantoota ol’aanoo mootummaa Itoophiyaa waliin dhimmoota hariiroo adda addaa, kan naannoo fi addunyaa irratti marii bu'aa qabeessa ni mari’atu jedhamee akka eegamu, odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa ni agarsiisa.

#MootummaaIda’amuu