"Har’a Pirezidaantii itti aanaa Naayijeeriyaa Kaashim Sheetiimaanii fi jila isaanii simachuudhaan bu’aa fi muuxannoo sagantaa guddina daa’immanii yeroo ammaa Finfinnee keessatti hojiirra oolaa jiru argame isaaniif qoonne.
Qaama jalqabbii magaalaa keenyaa dhaloota Idaa’amuu ijaaruuf godhamee keessaa, jilli kun bakka tapha daa'immanii, giddugala kunuunsa daa'immanii, manneen barnootaa duraa, giddugala tajaajila fayyaa fi wiirtuuwwan tajaajila gorsaa warraa fi guddistootaaf kennan dabalatee dhaabbilee adda addaa naannoo hunda keessatti hundeeffaman daawwateera.
Daawwannaan kun muuxannoowwan gaarii waljijjiiruuf carraa guddaa uumera.
Invastimantii keenya misooma bu’uuraalee qofa irratti utuu hin daangeessiin, nageenya dhala namaa keessattuu guddina, nageenyaa fi gammachuu daa’immanii akka naannoo guddinaa ijootti dursa kennineerra.
Kun itti gaafatamummaa hawaasummaa qofa bira darbee; invastimantii murteessaa dhaloota "Idaa’amuu" ijaaruuf bu'uura kaa'uudha.
Yeroo sagantaa kana eegallu Finfinnee keessatti bakki tapha daa'immanii 11 qofa ture.
Waggaa sadii keessatti garuu lakkoofsa sana gara 6,000tti guddifne.
Haaluma walfakkaatuun lakkoofsa wiirtuuwwan kunuunsa daa’immanii 20 irraa gara 1,200tti babal’isneerra.
Finfinnee magaalaa Afrikaa keessatti daa’imman itti guddatan filatamaa taasisuuf hojjechaa jirra.
Sagantaa guddina daa’immanii jalqabaa keenyaatiinis, babal’ina harkifannaa guddinaa daa’immanii gara sadarkaa duraan ture keessaa harka shanaffaatti hir’isuu irrattis milkoofneerra - dhibbeentaa 13.5 irraa gadi bu’eera.
Ijoollee irratti xiyyeeffachuun yeroo hojjennu, Itoophiyaa boruu ni ijaarra!
Dhaloota fooyya’aa ijaaruun gidduu galeessa hojii hunda keenyaati."