Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii Maqalee addaan kutee ture deebisee eegaluuf akka ta'e beeksise.
Daandiin Qilleensichaa, balalii idilee gara Maqaleetti balali'u yeroof addaan kutee ture, Onkololessa 1, 2019 irraa eegalee deebisee kan eegalu ta'uu beeksiseera.
Maamiltoonni Waajjira Daandii Qilleensaa Itoophiyaa dhihoo isaaniitti argamu deemuudhaan yookaan sarara bilbilaa bilisaa 6787 irratti bilbiluun bakka qabsiifachuu kan danda'an ta'uus ibseera.