Itoophiyaan seenaa ishee bara dheeraa keessatti, daangaa fi qabeenya warra biroo hawwitee kan hin beekne taatus, qabeenya uumaa isheetti fayyadamtee jireenya uummata ishee fooyyessuu fi badhaadhina ishee mirkaneessuuf cichoominaan kan hojjettudha.
Har’as Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha Laga Abbayyaa irratti ijaarame dabalatee misooma Qamadii, indaastirii fi dameewwaan birootiin milkaahinni argame jaallattoota isheetiif abdii, diinota seenaatiif ammoo yaaddoo guddaa ta’eera.
Humni alaa guddina Itoophiyaa hin feene kana gufachiisuuf karaa danda'amu hundaan yaalaa jiru.
Keessattuu gantoota keessoo leenjisuu fi meeshaa hidhachiisuun, naannichatti humnoota jeequmsaa fayyadamanii Itoophiyaa jeequuf yaalu.
Itoophiyaan olola diinotaa dhiiga ilmaan ishee fi tokkummaa uummata isheetiin deebistee injifannoodhaan baati.
Waraanni Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sadarkaa ammayyaa fi amansiisaa biyya guddoo fi uummata seenaa qabuuf malu irratti argama.
Qophiin kun waraana banuuf osoo hin taane, kabaja birmadummaa fi nageenya Itoophiyaa mirkaneessuuf kan ijaaramedha.
Humnoonni badhaadhina keenya hin feene shira yoo xaxan, raayyaan keenya deebii ariifachiisaa fi madaalawaa kennuuf qophiidha.
Humni Qilleensaa keenya teeknooloojii ammayyaa fi Dirooniiwwaniin samii Itoophiyaa eegaa jira.
Makaanaayizdii irraa hanga humna addaatti, nageenya Saayibarii fi qorannoo meeshaa waraanaa keessatti ijaarsa guutuutu taasifame.
Ijaarsi kun misooma Abbayyaa fi dhaabbilee misoomaa eeguu bira darbee, faayidaa galaanaa fi nageenya nananichaa irratti kan xiyyeeffatedha.
Raayyaan ittisaa nageenya kabachiisuudhaan, yeroo nagaa qonnaa fi teeknooloojiin, yeroo rakkoo ammoo gaachana uummataa ta’ee tajaajilaa jira.