Barbaaduu

Raayyaa Ittisaa Biyyaa:- Saayinsii Waraanaa Ammayyaatiin kan Ijaarame

Oct 10, 2026

 

 

Itoophiyaan wareegama, jaalala biyyaa fi cichoomina ilmaan isheetiin qormaata seenaa keessa turan hundumaa moo’attee har’a geessetti.


Hafuurri moo’ichaa dhaloota irraa gara dhalootaatti darbaa ture kun gootummaa seenaa Itoophiyaa fi ammayyummaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa walitti hidha.

Bu’uurri cichoomna raayyaa ittisaa tasa kan hundaahe otoo hin taane, seenaa kumaatamaa fi sabboonnummaa irraa kan maddedha.


Gootummaan Gaarreen Adwaatti injifannoo uume, Karaamaraa fi ergama nagaa kabachiisuu idil-addunyaa keessattis calaqqiseera.

Dhaloonni har’as seenaa abbootii irraa dhaale teeknooloojii, leenjii fi Sayinsii waraana ammayyaatiin gabbisuudhaan gahee isaa ol’aantummaan bahachaa jira.


Raayyaan Ittisa Biyyaa wabii nagaa, misoomaa fi jiraachuu Itoophiyaa boruutiif daangaa fi kabaja biyyaa eegaa jira.

Maddi humna raayyaa kanaa uummata inni tajaajilu ta'uu isaati.

Wareegamni miseensota isaa jaalala biyyaa fi uummataa irratti kan hundaaheedha.

Cichoomni Raayyaa Ittisaa seenaa Adwaa fi Karaamaraa irraa dhaalame teeknooloojii fi ogummaa ammayyaatiin walitti qindaahee ijaaramu danda’uu isaati.