Dinagdeen biyya keenyaa har'a kallattii isaa gara dam-daneessaatti naannessuun jijjiirama caasaa taasisaa jira.
Imala babal'ina dinagdee kana keessatti laftii fi qabeenyi uumamaa isa keessa jiru utubaa guddaadha.
Dameen Albuudaa waggootaaf Kontirobaandii fi hojii seeraan alaatiin saamamaa ture, seenaa kana jijjiiruudhaan utubaawwan birmadummaa dinagdee keenya mirkaneessan keessaa isa tokko ta’uu danda’eera.
Sirni daldalaa gara teeknooloojii fi itti gaafatamummaatti waan jijjiirameef, omishni Warqii dachaan dabaluudhaan biyyattiin sharafa alaa ol’aanaa akka argattu taasiseera.
Pirojeektonni gurguddoon Kurmuuk, Tuulluu Kaappii, Miidirook Matakkalii fi Etinoo Maayiniingi, milkaahina kana kan mirkaneessan ta'uu bira darbee, sharafni alaa argame dameewwan manufaakchariingii fi tajaajilaaf galtee guddaa ta'eera.
Milkaahinni damee kanaa inni biraan Albuuda qullaa alatti erguu irraa gara galtee itti dabalanii dhiheessuu fi omishaalee alaa galan bakka buusuutti cehuudha.
Dhagaan Cilee waggootaaf sharafa alaa irratti ba’aa ture warshaalee haaraa dhaabbamaniin guutummaatti bakka bu'uudhaan, warshaalee Simintoo fi Sibiilaatiif humna annisaa uumeera.
Damee ijaarsaa fi Seeraamiiksiin warshaaleen Baayijiiyaa fi Giraandiyuur omisha jalqabuun isaanii sosochii “Itoophiyaan haa Omishtu” deeggaruu bira darbee, misooma Kooriidarii fi babal'ina misooma bu'uuraa magaalota keenyaa omishaalee biyya keessaatiin ariifachiisuuf dandeessiseera.
Gama biraatiin, hidhanni damee Albuudaa fi qonnaa gidduu jiru agarsiistuu dinagdee dam-daneessaati.
Porojeektiin boba'aa dhangala’aa Kaaluubii fi sararri ujummoo Gaazii Naannoo Somaaliitti argamu omisha Xaa'oo Yuuriyaa biyya keessaatiif bu'uura kaaha.
Kunis misooma Qamadii jallisii bonaa fi sagantaa Maaddii Guutuutiin wabii nyaataa mirkaneessuutiif shoora bakka hin bu'amne qaba.
Walumaagalatti, dameen Albuudaa seeraan alummaa irraa qulqullaahuun, qabeenya uumaa badhaadhina lammiileef oolchuu fi qonnaa fi indaastirii waliin qindoominaan hojjechuudhaan, dinagdee dam-daneessa cimaa fi walabummaan ishee kabajame ijaaruu keessatti ashaaraa guddaa kaahaa jira.