Barbaaduu

Damee Albuudaa:- Utubaa Guddinaa Dinagdee Itoophiyaa Jijjiiru

Oct 10, 2026

Dameen Albuudaa foyya’iinsa dinagdee Itoophiyaa keessatti shoora xiqqaa kanaan dura ture irraa jijjiirama guddaa fiduudhaan utubaa guddinaa murteessaa ta’ee dhihaateera.

Hirkattummaa sharafa alaa qonna qofa irratti ture hir'isuu, carraa hojii uumuu fi bu'uura indaastirii babal'isuuf fayyadamni qabeenya Albuudaa yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo argateera.

Mootummaan sirna caasaa fi fooyya’iinsa imaammataa taasisuudhaan invastimentii hawwachuu, itti gaafatamummaa mirkaneessuu fi eegumsa naannoo fooyyessuuf tumsa haaraa diriirseera.

Baankiin Biyyaaleessaa Albuuda gabaa addunyaa waliin madaalawaa ta’een bituudhaan kuusaa sharafa alaa guddisaa jira.

Albuuda dheedhii alatti erguu irraa gara sona itti dabaluu fi biyya keessatti qulqulleessuutti cehuun birmadummaa dinagdee mirkaneessuuf hojjettamaa jira.

Kunis Itoophiyaan dhiibbaa gabaa addunyaa dandamachuudhaan badhaadhina dhaloota cehu uumuuf gumaacha ol’aanaa qaba; Mootummaan Ida’amuus xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan irratti hojjechaa jira.