Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Ayyaana Guyyaa Alaabaa Biyyaaleessaa 19ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
“Alaabaan keenya waliigalteesaa biyyaaleessaa fi tokkummaa keenyaaf!
Baga ayyaana Guyyaa Alaabaa Biyyaaleessaa 19ffaatiin nagaan geessan!
Guyyaan Alaabaa Biyyaaleessaa 19ffaan bara 2019 mata duree ‘Alaabaan keenya waliigaltee biyyaaleessaa fi tokkummaa keenyaaf’ jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa jira.
Alaabaan keenya eenyummaa keenya kan waaloomaa, mallattoo walabummaa fi tokkummaa keenyaati.
Garaa garummaa keenya mariidhaan haa furuu; tokkummaa keenya waliigalteedhaan haa cimsinu; biyya keenya tattaaffii waaloomaatiin haa ijaarru!
Alaabaan keenya har’a ol kaasnu, boru kabaja, nageenyaa fi badhaadhina Itoophiyaa ol kaasuudhaaf waadaa haa gallu!
Itoophiyaan tokkummaa lammiilee isheetiin ni cimti; kutannoo keenya kan waaloomaatiinis dhalootaaf ni jabaatti!”