Atileetonni Itoophiyaa addunyaa biratti beekamummaa kan goonfatan dandeettii, jabina, jaalala biyyaa fi murannoo cimaa isaaniitiin.
Alaabaa biyya keenyaa sadarkaa addunyaatti ol kaasuuf dhamaatii guddaa taasisaniiru.
Injifannoo kana duuba leenjii cimaa halkanii fi guyyaa osoo hin jedhiin fudhatantu jira.
Qaama isaanii dhiphisuudhaan, miidhama dandamatanii dorgommiiwwan gurguddoo irratti hirmaachuun; maatii irraa fagaachuun dandeettii isaanii guutummaatti biyyaaf kennu.
Dirreewwan Olompikii fi Maaraatoonii addunyaa irratti yeroo Alaabaan Itoophiyaa ol ka'uu fi faaruun biyyaalessaa dhagahamu, miirri jaalala biyyaa uummata hunda ni tuqa.
Yeroo sanatti garaa garummaan kamiyyuu irraanfatamee, fuulli Itoophiyaanota hundaa gammachuudhaan guutama.
Alaabaan keenya ol ka'uun milkaahina Atileetotaa qofa osoo hin taane, injifannoo fi jabeenya uummata Itoophiyaa guutuu agarsiisa.
Atileetonni miilla duwwaa fiiguun illee maqaa biyyaa ol kaasaan jiru.
Isaan dhaloota haaraaf fakkeenya ta'uudhaan, obsaa fi hojii cimaan milkaahinaaf murteessaa ta'uu agarsiisu.
Injifannoo isaaniitiin kabajaa fi eenyummaa biyya keenyaa addunyaaf beeksisaniiru.