Barbaaduu

“Alaabaan Keenya Agarsiistuu Tokkummaa Sab-daneessummaa fi Walabummaati” - Af-yaa’ii Ahimad Shidee

Oct 12, 2026

 

Guyyaan Alaabaa Biyyaaleessaa 19ffaan mata duree "Alaabaa keenya waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaaf" jedhuun bakka Pirezidaanti Taayyee Atsiqa Sillaasee argamanitti kabajamaa jira.


Af-yaa’ii Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataa Ahimad Shidee ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

“Alaabaan keenya seenaa waloo Itoophiyaa itti barreeffame, mallattoo jabinaa fi gootummaa keenya, akkasumas ibsituu bilisummaa fi walabummaa keenyaati” jedhaniiru.


Manni Marichaa aangoo fi itti gaafatamummaa seeraan kennameefiin ayyaana biyyaalessaa kana ol’aantummaadhaan qindeessuu, gaggeessuu fi hojiilee kabaja Alaabaa biyyaalessaa ol kaasan akka raawwatu ibsaniiru.