Barbaaduu

“Mootummaan nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaatiif yeroo hundumaa ejjennoo cimaa qaba” - Pirezidaanti Taayyee Atsiqe Sillaasee

Oct 12, 2026

  

  

Pirezidaanti Taayyee Atsiqe Sillaasee kabaja Guyyaa Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaa irratti ergaa dabarsaniin, mootummaan nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaatiif yeroo hundumaa ejjennoo cimaa qaba jedhan.


Pirezidaantichi ergaa isaanii kanaan, Alaabaan mallattoo walabummaa, sab-daneessummaa fi guddina hawaasaa ta’uu eeran.

Itoophiyaan qormaatawwan muudatan dandamachuudhaan carraa ofii ofiin murteessuu mirkaneessuu danda'uu ishee himan.




Garaa garummaa yaadaa waraana malee mariidhaan furuun akka barbaachisus cimsanii dubbataniiru.

Akkasumas qaamonni jeequmsa lallaban yeroon isaanii kan darbe ta’uu hubatanii, nageenya, misoomaa fi hojiiwwan dippilomaasii cimsanii deemuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Lammiileen nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaatiif gahee isaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa biroofis galata dhiheessaniiru.