“Alaabaan biyyaalessaa keenya seenaa wareegama abbootii kan yaadachiisu, tattaaffii har'aa kan calaqqisiisu fi mul'ata badhaadhina boruu kan akeeku mallattoo olka'iinsa biyya keenyaati” jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgan Xurunaa.
Ministirri Muummee Itti Aanaa obbo Tamasgan Xurunaa guyyaa Alaabaa Biyyaalessaa 19ffaa kabajame sababeeffachuun ergaa baga geessanii fi hawwii gaarii dabarsaniiru.
Obbo Tamasgan ergaa isaaniitiin, xiyyeeffannoo guddaan Mootummaa Ida'amuu, Itoophiyaa tokkummaa, nagaa fi badhaadhina hundagaleessaan gara olka'iinsa ol’aanaatti ceesisuu ta'uu eeraniiru.
Alaabaan ibsituu tokkummaa sab-daneessummaa malee madda garaa garummaa ta'uu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.
“Yaanni Ida'amuu garaa garummaa akka qabeenyaatti ilaalee guddummaa biyyaa mirkaneessuuf nu kakaasa” jedhaniiru.
“Ministirri Muummee Itti Aanaa obbo Tamasgan Xurunaa, Alaabaa ol kaasuudhaan tokkummaa, nagaa, walabummaa fi badhaadhinaaf kutannoo qabaachuu haa agarsiifnu" jechuudhaan waamicha dhiheessaniiru.