Barbaaduu

“Nageenyi Saayibarii Nageenya Biyyaati” - Ministira Muummee Itti Aanaa Tamasgan Xurunaa

Oct 12, 2026

 

 

Nageenya Saayibarii eegsisuun nageenya biyyaa, ol’aantummaa diiitaalaa fi kaayyoo misoomaa eeguu ta’uu Ministira Muummee Itti Aanaa Tamasgan Xurunaa beeksisan.


Ministirri Muummee Itti Aanaa obbo Tamasgan, ji'a Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa 7ffaa mata duree "Lammii Dammaqaa; Biyya Nageenyi Ishee Eegame" jedhuun kabajamu eegalchiisudhaan ergaas dabarsaniiru.


Tarsiimoo 'Dijitaal Itoophiyaa 2025' tiin tajaajilli Intarneetii babal'achuun, dameen teeleekoomii dorgommiif banaa ta'uun, sirnoonni kaffaltii dijitaalaa fi tajaajilli mootummaa dijitaalaan dhihaachuu eegaluun cehumsa dijitaalaaf bu'uura cimaa kaahuu eeraniiru.


Bu'uura kana gara boqonnaa itti aanutti ceesisuun mul'ata 'Dijitaal Itoophiyaa 2030' dhugoomsuuf damee hunda keessatti walitti hidhamiinsaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchiina Nageenya Odeeffannoo (INSA) hawaasa Saayibarii amansiisaa gochuun, milkaahina tarsiimoo dijitaalaatiif tattaaffii taasifmuuf beekamtii kennuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.


Naannoo dijitaalaa yaaddoowwan saayibarii irraa eeguun ol’aantummaa biyyaa, nageenya lammiilee fi kaayyoo misoomaa eeguu akka ta'e eeraniiru.

Kanaanis lammii dammaqaa fi itti gaafatamummaa qabu horachuun akka danda'amu ibsaniiru.