Barbaaduu

Ejjennoo cimaa Itoophiyaa shira diiggaa Ijipti fashaleesse

Oct 13, 2026

  

Hayyoonni siyaasaa fi ajajoonni waraanaa duraanii akka ibsanitti, shirri Ijipti qopheessite Itoophiyaan Hulaa Galaanaa dhabdee dhiphina Ji'oopolatikaa fi dinagdee keessa akka galtu gochuuf ture.


Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Salamoon Tafarraa fi ogeessi Seera idil-addunyaa Yaa’iqoob Haayila-Maariyaam (PhD) akka ibsanitti, Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa akka fagaattu gochuudhaan mirga bishaan Abbaay fayyadamuu ishee laaffisuu fi Baha Afrikaatti ol’aantummaa Ijipti mirkaneessuuf kan qophaahedha jedhanii ture.



Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii Jeneraal Tsaadiqaan Gabra Tansaay Waraana Baadimmee boodas carraan Buufata Doonii Asab deebifachuu murtee siyaasaatiin akka bade dubbataniiru.


Amma garuu Itoophiyaan Hulaa Galaanaa yoo argachuu baatte, Gaanfa Afrikaatti nagaa fi guddinni dinagdee jiraachuu akka hin dandeenye ajandaa idil-addunyaa ta’eera jedhan.


Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) akka ibsanitti, Itoophiyaan Hulaa Galaanaa dhabuun dogoggora hoggantotaa fi dhiibbaa alaatiin kan ta'eedha.

Itoophiyaan ollaa ishee waliin nagaadhaan, faayidaa waliinii "kennuu fi fudhachuu" irratti hundaaheen Hulaa Galaanaa mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu fi biyya cimaa ta'uu ishee hojiin agarsiisuu mirkaneessaniiru.