Barbaaduu

Gootummaa Tarsiimo’aa Risaa Samiirraa

Oct 13, 2026

 

Saayinsii waraanaa fi tarsiimoo lola samiirraa keessatti, bu’a qabeessummaan meeshaa waraanaa teeknooloojii qofaan kan murtaa’u osoo hin taane, jabina sammuu, gahumsa ogummaa, gootummaa fi jaalala biyyaa nama meeshaa sana duuba jiruun murteeffama.


Yaanni kun seenaa gootota Humna Qilleensaa Itoophiyaa kanneen "Risaa Samiirraa" jedhamuun beekkaman sirriitti ibsa.

Bara 1969, yeroo waraanni Ziyaad Baaree karaa baha Itoophiyaa weerara uumuuf yaaletti, balaliistonni Humna Qilleensaa Itoophiyaa gootummaa isaanii mirkaneessaniiru.



Yeroo sana Humni Qilleensaa Somaaliyaa Xiyyaarota ammayyaa Miig-21 fi Miig-17 jedhamuun ol’aantummaa argachuuf yaalus, balaliistonni Itoophiyaa karooricha fashaleessaniiru.


Birgaader Jeneraal Laggasaa Tafarraa, Birgaader Jeneraal Ashannaafii Gabra Tsaadiq, Koloneel Baacaa Hundee fi Koloneel Bazzaabihi Peexiroos cichoomina agarsiisaniin humni waraana samiirraa Somaaliyaa akka dadhabu ta'eera.

Har’as Humni Qilleensaa Itoophiyaa gootummaa abbootii irraa dhaale teeknooloojii fi hoggansa tarsiimowaa waliin walitti fiduun sadarkaa ol’aanaatti ceheera.


Dhaabbatichi Xiyyaarota waraanaa dhaloota afraffaa Su-30K fi Su-27, Xiyyaarota leenjii Yak-130, akkasumas Dirooniiwwan teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin deeggaraman qabaachuun eegumsa daangaa qilleensaa biyyaa mirkaneessaa jira.

Ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaas, daandii abbootiin kaleessaa saaqan irra imaluun Humna Qilleensaa Itoophiyaa olka’iinsa guddaadhaan gahuuf hojjechaa jiru.


Isaan ajajaa dhabbatichaa qofa osoo hin taane, leenjisaa balaliisaa Xiyyaarota Su-27 fi Su-30 ta'uun isaanii adda isaan taasisa.

Yeroo ammaa Humni Qilleensaa Itoophiyaa daangaa eeguu bira darbee, sadarkaa Afrikaatti wiirtuu injinariingii, leenjii fi suphaa teeknikaa ta’uun tajaajilaa jira.


Karoora hoggansa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa jalatti, dhaabbatichi Afrikaa keessatti adda duree ta’uuf hojjechaa jira.

Gahumsi humna namaa fi teeknooloojiin ammayyaa yeroo walitti dhufan, samiin Itoophiyaa kabajamaa diinaaf ammoo yaaddoo ta’ee itti fufa.