Jilli qorattoota teeknikaa Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa (CAF) dandeettii fi qophii Itoophiyaan Waancaaa Afrikaa (AFCON) bara 2028 keessummeessuuf qabdu qorqachuuf Finfinnee dhufeera.
Ministirri Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii Akliiluu Taaddasaa (PhD) akka ibsanitti, jilli kun turtiisaatiin misooma bu'uuraalee Ispoortii, sadarkaa Istaadiyamootaa, damee hoteelaa fi keessummeessummaa, akkasumas qophii geejjibaa fi loojistikaa haalaan kan qoratu ta’a.
Finfinnee keessatti daawwannaa taasisuudhaan alatti, naannoo biyyattii garaa garaatti sochii fi hojiilee misoomaa raawwataman achumaanis ni daawwata.
Jilli kun odeeffannoo barbaachisu funaanee erga xumuree booda, gabaasa dhiheessu irratti hundaahuun, koreen hojii raawwachiistuu ‘CAF biyya dorgommiichaa keessummeessitu ilaalchisee murtii xumuraa kan dabarsu ta’a.
Itoophiyaan walakkaa jaarraa booda dorgommii ardichaa deebistee gara biyyaatti fiduuf gaaffii dhiheessuun ishee kan yaadatamuudha.