Barbaaduu

Misoomni kun jijjiirama qabatamaa agarsiiseera - obbo Muusxafee Mahaammad

Aug 26, 2025

Yaa’iin Damee Daandii biyyaalessaa mata duree “ Waloon Itoophiyaa haa ijaarru” jedhuun magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.
Yaa’iicharratti Pireezidaantiin Naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad akka jedhanitti, mootummaan daandiin konkolaataa malee namoota miilaan deemanii fi konkolaattota mootora hin qabneef mijataa taasisuuf misooma koridoorii ammayyaa ta'e ijaaruun jijjiirama fidneerra jedhan.
Naannoo Somaalee erga jijjiiramni dhufee as naannolee damee daandii irraa fayyadamoo ta’an keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Pirojektoota haala qindoomina qabuun bulchuudhaan fayyadamummaa misoomaa hawaasaa mirkaneessuu dandeenyeerra jedhan.
Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin bara baajata 2017tti sadarkaa federaalaatti birrii biiliyoona 101 ol ramaduun , ijaarsaa fi haaromsa daandii km 1,000 ol hojjetamuu isaa yaadachiisaniiru.
Misoomni koridoorii hojii damee kana keessatti hojjetame, baay’inaan qofa osoo hin taane qulqullinaan kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.