Barbaaduu

Feestivaliin Teemirii Idil Addunyaa Naannoo Affaar Magaalaa Samaraatti eegale

Aug 26, 2025

Feestivaliin Teemirii Idil Addunyaa Naannoo Affaar Magaalaa Samaraatti bakka hirmaattonni hedduu argamanitti baname.
Pirezidaantiin Naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa feestivaalicharratti ergaa dabarsaniin, feestivaalichi misooma Teemirii teeknooloojiin deeggaruun oomishtummaa isaa guddisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.
Sagantaa kanarrattis Pirezidaantiin Naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa, Ministiir Deetaan Ministeera Qonnaa Mallasaa Makonnin(PhD), Itoophiyaatti Bakka Bu'aan Ambaasaaddara Yunaayitid Arab Imireetis (UAE) Raashid Abdallaa Shaay fi keessummoonni affeerraan taasiifameef biroon argamaniiru.
Feestivaaliin kun guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u sanyiin Tamirii fooyya’an muuxannoof dhihaatanii kan ilaalamanii fi muuxannoon damee kanaa akka qoodamu ibsameera.