Barbaaduu

Qabxiin Seensa Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo 300 irraa gara 297tti gadi siqe - Ministeera Barnootaa

Oct 01, 2025

Ministeerri Barnootaa Qabxiin Seensa Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo bara 2017 300 irraa gara 297tti gadi siquu beeksise.
Ministeerichi kanaan dura barattoonni qabxii 300 ol yookaan ammoo dhibbeentaa 50 ol galmeessan dhaabbilee barnoota ol’aanoo akka seenan hayyamee hojiirra oolfamaa turuun isaa ni yaadatama.
Ministeerri Barnootaa ‘Dotstream’f odeeffannoo kenneen, barattoonni qormaata xumuraa kutaa 12ffaa bara 2017 giddugaleessaan qabxii dhibbeentaa 49.5 hanga 49.99 argatan gara dhibbeentaa dhibbeentaa 50tti akka siquuf murtaahuu beeksise.
Kana hordofuudhaan Ministeerri Barnootaa barattoonni qabxii 297 ol yookaan ammoo dhibbeentaa 49.5 galmeessisan dhaabbilee barnoota ol’aanoo seenanii barachuu akka danda’an beeksiseera.

Yaada keessan as irratti barreessaa.

Oduu Walqabatee: