Barbaaduu

Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa 2030:- Misooma Hunda Galeessa fi Haaromsa Damee Barnootaa

Sep 02, 2026

Guddina dinagdee fi hawaasummaa ariifachiisaa mirkaneessuu keessatti teeknooloojiin dijitaalaa gahee bakka bu'iinsa hin qabne taphata.
Itoophiyaanis Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaahinaan xumuruun, gara marsaa biraatti cehuudhaan Tarsiimoo Dijitaalaa 2030 hojiirra oolchaa jirti.
Tarsiimoon kun guddina dameewwan hedduu keessatti gumaacha ol’aanaa kan qabu yoo ta'u, ariitii fi haaromsa dijitaalaa itti fufiinsa qabuuf boqonnaa haaraa baneera.
Dameewwan tarsiimoo kanaan fayyadamoo kan ta'an keessaa dameen barnootaa isa guddaadha.
Tarsiimoon Dijitaal Itoophiyaa 2030 damee barnootaa ammayyeessuu fi qulqullina isaa mirkaneessuu keessatti gahee murteessaa taphata.
Barattoonni bakka fi yeroo kamittuu meeshaalee barnootaa salphaatti akka argatan gochuun cinaatti, sirna galmeessaa fi madaallii ammayyeessuudhaan bulchiinsa barnootaa saffisaa fi qulqullina qabu uuma.
Akkasumas, dandeettii Barsiisotaa fi barattootaa Teeknooloojii, Saayinsii fi Injinariingii irratti cimsachuun barnoota qulqullina qabu afaanota adda addaatiin naannolee fagootti akka gahu taasisa.
Hojiirra oolmaan tarsiimoo kanaas dhaloota teeknooloojiin deeggaramee addunyaa irratti dorgomaa ta'e uumuudhaan Itoophiyaa gara cehumsa dijitaalaa hundagaleessaatti ni ceesisa.
Hayimaanot Kabbadaatu qindeesse