Dameen barumsaa bu'uura guddina waaraa fi badhaadhina hunda galeessa biyyaati.
Itoophiyaa keessatti dameen kun gufuuwwan hedduu keessa kan ture yoo ta'u, mootummaan Ida'amuu qulqullina barumsaa mirkaneessuu fi dhaloota gahumsa qabu ijaaruuf rifoormiiwwan gurguddoo dhiheesseera.
Gama kanaan, haammattoon qajeelcha barumsaa fi leenjii haaraan hojii irra ooluudhaan yeroo jalqabaatiif seerri barumsaa fi fooyya'iinsi qulqullinaa diriireera.
Akkaataa Kanaan ijaarsa manneen barumsaa da'immanii 35,000 ol ta'aniin hirmaannaa sadarkaa da'immanii dhibbeentaa 36.7 irraa gara dhibbeentaa 59.8tti ol kaaseera.
Sagantaa nyaata manneen barumsaatiin barattoonni miiliyoona saddeetii ol fayyadamoo ta'uudhaan addaan kutiinsi barumsaa hir'ateera.
Gama dijitaalaatiin, "Dijiitaal Itoophiyaa 2025" bu'uureffachuun manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa intarneetii fi laaboraatoorii kompiyuutaraan walitti hidhamaniiru.
Dhiheenyattis barnoota teeknooloojii Hubannoo Nam-tolchee (AI) babal'isuun gara "Dijitaalaa Itoophiyaa 2030"tti cehuuf qophiin taasifamaa jira.
Qulqullina barumsaa mirkaneessuun dhimma waloo waan ta'eef, hirmaannaan hawaasaa, barattootaa fi mootummaa cimeee itti fufuu qaba.