Barbaaduu

Imala Rifoormii Damee Barnoota Itoophiyaa:- Bu’uura Dhaloota Boruu Ijaaruu

Sep 02, 2026

Barnoonni utubaawwan guddina hunda galeessa biyyaa fi madda waraabbiisa sammuu dhaloota boruuti.
Waggoota muraasa darban keessatti, imaammanni barnootaa Ida’amuun bu’uureffame fooyya’iinsaa fi jijjiirama caasaa gurguddaa taassiseera.
Rifoormiin kun dhaqqabummaa babal’isuu bira darbee, qulqullina barnoota mirkaneessuu, fooyya'iinsa sirna-barnootaa gochuu fi barattoota qorannoo fi teeknooloojiin wal dorgoomaa gochuu irratti xiyyeeffateera.
 
Sirni barnootaa haaraan seenaa fi aadaa biyyaa teeknooloojii saayinsii waliin wal simate hojii irra ooluun beekumsa iddoo keessaa fi saayinsii fi intarneetii babal’iseera.
 
Hanna qormaataa hambisuuf qormaanni kutaa 12ffaa Yuunivarsiitii akka kennamu gochuun, dorgommii dhugaa fi qulqulluu uumeera.
Akkasumas, sagantaa nyaata manneen barnootaatiin barattoonni beelaan akka hin miidhamne taasisuudhaan hirmaannaa fi bu’aa qabeessummaa isaanii cimseera.
Gama dijitaalaatiin, leenjii Koodingii fi danda'iinsa dijitaalaa babal'isuun wajjin manneen barnootaa fi Yuunivarsiitiitiif Laaboraatoorii fi manneen dubbisaa dijiitaalaa dhiyeessuun raawwatameera.
Yuunivarsiitiiwwan bilisummaa boordii fi barnootaa (Autonomy) akka argatan gochuun kan eegalame yoo ta'u, Yuunivarsiitiin Finfinnees gara sirna kanaatti ceheera.
Rifoormiiwwan kunis Itoophiyaa gara sadarkaa beekumsaa fi teeknooloojii ol'aanaatti kan cechisan bu'uuroota cimoodha.