Barbaaduu

Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa walii galtee tumsa waloo mallatteessan

Oct 09, 2025

****************************

Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa walii galtee tumsa waloo  “Gilobal Getway Partinership” mallatteessaniiru.

  

Pirezidaant Taayyee Atsqa Sillaasee fi Pirezidaantiin Komishiinii Awurooppaa Ursuulaa Voon der leyin waliigalticha Beeljiyeem, Biraasilsitti mallateessuusaanii Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

 

Waliigaltichi Hariiroo obbolummaa yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa gidduu ture boqonnaa haaraa kan banu akka  ta’e ibsameera.

 

“Gilobal Getway Partinership”’n  Pirezidaantii Komishiinii Gamtaa Awurooppaa  Ursuulaa Voonder leyin  kan durfamu Inisheetiivii Idil-Addunyaa yoo ta’u,  gamtichi biyyoota adda addaarraa Dijiitaalayizeeshiniin, Humna Haaromfamaan, sirna Soorataan, Fayyaan, Qonna fulla’aanii fi nagaa fi tasgabbiin dabalatee dameewwan furtuun tumsa qabanii fi walitti dhufeenya Invastimatii cimsuuf kan kaayyeffatedha.

 

waliigaltichaan dura hoggantoonni lamaan  Itoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa fedhii waloosaanii bu’uura godhatanii dhimmoota hariiroosaanii caalaatti cimsuu fi babal’isuuf  dandeessisu irratti marii’ataniiru.

 

Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee “Gilobal Getway Partinership” waliin  mul’ata tarsiimo’aa waloo milkeessuu fi hariiroo obbolummaa Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa  bu’uura hin raafamnerratti ijaaruuf walii galtee yeroosaa eeggate ta’uu  ibsaniiru.

 

Tumsi waliigaltee kanaa jaarraa walakkaa kan lakkoofise Dippilomaasii Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gara sadarkaa ol’aanaatti guddisuuf  tarkaanfii guddaa ta’uu   ibsaniiru.

Gareewwan lamaan A.L.A bara 2016 labsii waliigaltee tarsiimo’aa waliif maallateessan humna haaraa akka uumu  hubatameera.

Yaada keessan as irratti barreessaa.

Oduu Walqabatee: