Barbaaduu

Bu’aa Dippilomaasii Ida’amuu:- Bahaa fi Lixa Minjaala tokko irratti kan walitti qabe

Oct 10, 2026

 

 

Itoophiyaan seenaa ishee keessatti boqonnaa dhimma alaa haaraa keessa argamti.

Kanaan dura imaammanni dhimma alaa ishee yaaddoo fi dhiibbaa irratti kan hundaaye ture.


Imaammata Dippilomaasii Ida’amuu itti fufiinsaan hojii irra oolaa jiruun, Itoophiyaan waltajjii addunyaa irratti faayidaa biyyaaleessaa ishee cimsitisee kan eegsistu ta’uu danddeesseetti.

Kunis Itoophiyaa hirkattummaa irraa bilisa gochuun tumsa haaraa fi gahumsa ajandaa qopheessuu akka horattu ishee taasiseera.

 

Kallattiin imaammata dippilomaasii haaraa kun (Multi-alignment) Bahaa fi Lixa minjaala tokko irratti keessummeessuudhaan madaallii tarsiimoo eegeera.

Ameerikaa fi Gamtaa Awuurooppaa waliin tumsa qabdu osoo hin dhaabiin, Raashiyaa fi Chaayinaa waliinis hariiroo tarsiimoo ishee cimsiteetti.

 

Ameerikaa fi Raashiyaa, akkasumas Iraanii fi Israa’el waliin madaallii dippilomaasii adda ta’e agarsiisteetti.

Dippilomaasiin lammiilee dhimma alaa cinaatti eegumsa lammiileetiif xiyyeeffannoo kenneera.


Tajaajilli Daayiaspooraa Itoophiyaa dhaabbataan ijaaramuun daayiaspooraa miiliyoona 5 ol ijaarsa biyyaa fi dippilomaasii keessatti hirmaachisaa jira.


Adeemsa "Ollaadhaaf dursa kennuu" jedhuun Jibuutii, Keeniyaa fi Sudaaniif gurgurtaa annisaa elektrikii, daandii fi biqiltuu Ashaaraa Magariisaatiin hariiroo obbolummaa cimsatteetti.

Miseensummaa ‘BRICS’ galmeessisuun carraa faayinaansii fi daldala haaraa banuudhaan, adeemsa miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) ta’uuf taasifamuuf deeggarsa argamsiiseera.

Gama Dippilomaasii Bishaaniitiin, waliigalteen ‘CFA’ (Cooperative Framework Agreement) hojii irra akka ooluu fi Komishiiniin Laga Abbayyaa akka hudaahu bu'uura kaaheera.

 

Kana malees, biqiltuu biiliyoona 56 ol dhaabuu irraan kan ka’e, Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama haala Qilleensa Addunyaa 32ffaa (COP32) akka qopheessituuf filatamteetti.

Dippilomaasiin Ida’amuu Itoophiyaa ajandaa fudhattuu irraa gara ajandaa qopheessituuttikan ceesisedha.