Barbaaduu

Gareen jila Itoophiyaa Baankookitti hogganoota ol’aanoo ‘IMF’ waliin mari'ate

Oct 13, 2026

 

 

 

Gareen jila Itoophiyaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaan hogganamu, waltajjii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Garee Baankii Addunyaa (World Bank Group) bara 2026 Baankookitti taa’amaa jiru cinatti hoggantoota Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) waliin mari’ateera.


Kanaanis mariin hogganoota qajeelcha dhimmoota Fiiskaalaa (Fiscal Affairs Department) fi qajeelcha gabaa kaappitaalaa fi maallaqaa (Monetary and Capital Markets Department - MCM) IMF waliin mari’atame bu'a qabeessa akka ture eerameera.


Mariin hoggantoota qajeelcha dhimmoota kutaa Fiiskaalaa waliin mari’atame, ijaarsa dandeettii Ministeera Maallaqaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Deeggarsa teeknikaa kennamaa jiru qorachuu fi duraa duuba fooyyessaa ministeerichaa waliin walqabatee, carraawwan deeggarsaa taasifamaniin kan walsiman ta’uu qorachuu irratti akka xiyyeeffate himameera.


Gama biraatiin mariin kutaa qajeelcha gabaa kaappitaalaa fi maallaqaa (Monetary and Capital Markets Department - MCM) waliin mari’atame dandeettii Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate akka ta’e eerameera.

Marii kanaan deeggarsi teeknikaa ‘IMF kennaa jiruu fi ijaarsi dandeettii dhaabbatichaa cimsuu akkasumas ajeendaa fooyyessaa Baankii Biyyaalessaa itti fufsiisuuf tattaaffii dabalataa taasisan irratti mari'atamuu eerameera.