Barbaaduu

“Itoophiyaan naannoo Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuf biyya murteessituudha” – Gamtaa Awurooppaa

Oct 16, 2026

 

Itoophiyaan naannoo Galaana Diimaa fi Gaanfa Afrikaatti tasgabbii fiduuf gahee o’laanaa qabaachuu ishee amanuudhaan, deeggarsa siyaasaa cimsee itti fufuuf qophii ta'uu Gamtaan Awurooppaa mirkaneesseera.


Jilli Itoophiyaa walgahii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa cinaatti, Komishinara Qunnamtii Idil-Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Joozeef Siikeela waliin mari’ateera.



Marii isaaniitiin, guddina dinagdee Itoophiyaa, haala naannoo kaaba biyyattii, akkasumas dhimmoota misoomaa waliinii fi tumsa fuulduraarratti xiyyeeffatameera.

Komishinar Joozeef Siikeelaa akka himanitti, yeroo ammaatti naannicha keessatti dhiibbaawwan jiran hiikuuf, Itoophiyaan naannoo Gaanfa Afrikaa fi keessattuu Galaana Diimaa tsagabbeessuuf ijoodha.

Gamtaan Awurooppaas deeggarsa tasgabbii, misoomaa fi gahee tarsiimoo biyyattii cimsanii itti fufuuf qophii ta'uu ibseera.