Qabeenya Jirbii Itoophiyaa kan hin tuqamne
************************

Doolaara Ameerikaa dabalatee biyyoonni hedduun Nootiin maallaqa isaanii jabina akka qabaatu gochuuf Jirbii hanga dhibbeentaa 75 ni fayyadamu.
Jaarraa hedduudhaaf huccuu qofa hojjechuuf faayidaarra oolaa kan ture Jirbiin, uffata garmalee gatiin isaa qaalii ta'e kan warri hawaarraa hojjetan uffatan Jirbii irraa tolfamaa tureera.
Kana malees yeroo Gommaan Konkolaataa omishamuu 'Faayibarii' isaa jabeessuuf Kirriin Jirbii fayyadaarra oolaa ture.
Sanyiin Jirbii (Cottonseed) Zayitaa qulqullina ol’aanaa qabu omishaadhaafis faayidaarra ooluu isaati ragaaleen kan mul’isan.

Adeemsa Zayitii cuunfuu kana keessatti ammoo hafteen Jirbii Pirootiinii ol’aanaa waan qabuuf nyaata horiif oolaa jira.
Kanarraa kan ka’e fedhiin omisha Jirbii gabaa addunyaa irratti yeroo yeroodhaan dabalaa dhufeera.
Itoophiyaan biyyoota lafaa fi haala qilleensaa mijaawaa omisha Jirbiif oolu qaban keessaa ishee tokko.
Qorannoowwan akka agarsiisanitti, Itoophiyaan lafa heektaara miiliyoona 2.6 ol misooma Jirbiitiif mijataa ta’e qabdi.
Haata’u malee humna damee kanaan qabdu kana keessaa hanga ammaa dhibbeentaa sadii gaditti fayyadamaa jirati.

Sababa kanaan Indaastirii Huccuu Itoophiyaa saffisaan guddachaa jiruuf omishaniin Jirbii galtee ta’u Sharafa alaatiin biyya alaatii gala tureera.
Mootummaan fedhii damee kana guddisuu fi omisha Jirbii fedhii biyya keessaa waliin wal simsiisuu bira darbee, sadarkaa addunyaatti dorgomaa gochuuf karoora qopheessee jira.
Bara omishaa 2017/18 kanatti naannoo gammoojjii lafa omisha Jirbiif mijataa ta’etti Jirbii omishuuf kan karoorfame keessaa lafa heektaara kuma 100 fi kuma 10 misoomsuudhan Jirbin kuntaalli miiliyoona 1.9 kan argameera.
Kana keessaa ammoo Jirbiin omisha huccuuf qophaahe toonii kuma 66 argamuu isaati ragaan Ministeera Qonnaatii argame kan mul’isu.

Kana malees omisha Jirbii biyya alaatii galfamu kan biyya keessaatiin bakka buusuu bira darbamee, madda Sharafa alaa gochuuf tarsiimoo hojiira oolaa jirun, Sanyiin Jirbii fooyya’aa qonnaan bultootaaf raabsamaa jira.
Dhiheenya kana Giddu Galli Qorannoo Qonnaa Warar, Sanyiiwwan Jirbii gosoota 44 ol qonnaan bultootaaf raabseera.
Hayimaanot Kabbadaatiin