Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
********************************
Itoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jirti.
Biyyattiin misooma Qamadii gannaa jallisiidhaan misoomuu fi qonna magaalaa waggoota muraasa dura eegaltee hojjechaa jirtuun, omishaalee biyya alaatii galfaman dhabamsiisuudhaan bu’aa qabatamaa akka argatu ishee dandeessiseera.
Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daarektarri Qorannoo Dinagdee Qonnaa obbo Taaddalaa Maammoo (PhD) "Birmadummaa nyaataa mirkaneessuun kabaja biyyaa eegsisuuf hojjechaa jirra" jedhan.
Keessumaa Qamadii jallisii, Ruuzii, Ashaaraa magariisaa fi maaddii gutuu irratti xiyyeeffachuun damee qonnaa caalaatti bu’aa qabeessa gochuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru Daareektarri kun ETV’tti himaniiru.
Qonnaan bultoonni Teeknooloojiitti fayyadamuu, Sanyii filtamaa fayyadamuu, xaa’oo gahaa yeroodhaan akka argatan gochuu, keemikaalota dhukkuba ittisan fayyadamuu, qulqullina baay’ina sanyii mirkaneessuun hojjetamaa jiraachuu eeran.
Mancaatii sassaabbii boodaa hir’isuu, qorannoo irratti xiyyeeffachuu, sanyii dhukkuba dandamatanii fi haala qilleensaaf mijatoo ta’an baayyisuun hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
#EBC #ebcdotstream #Agriculture #Foodsovereignty
Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Nov 10, 2025