Barbaaduu

Simannaan Yuunivarsiitii saganta ‘Remedial’ ifoome

Sep 14, 2026

Bara barnootaa 2019tti barattoonni sagantaa ‘Remedial’tiin gara Yuunivarsiitiitti seenuuf qabxii isaan barbaachisu, bu'aa barattootaa, dandeettii simannaa Yuunivarsiitii fi qajeelfama haqa barnoota biyyaaleessaa irratti hundaah'uudhaan murtaa'uu isaa Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Haaluma Kanaan qabxii armaan gadii kan galmeessisan sagantaa ‘Remedial’ kanaan Yuunivarsiitii seenuuf ulaagaa kan guutan ta'uu Ministeerichi ibseera.
Ulaagaa Qabxii Seensaa:-
Barattoota Dhiiraa Sayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa: 600 keessaa 240 fi isaa ol (dhibbeentaa 40)
Barattoota Dubaraa Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaa: 600 keessaa 228 fi isaa ol (dhibbeentaa 38)
Gareewwan Deeggarsa Addaa Barbaadan:
Naannolee Afaar, Sumaalii, Beeniishaangul Gumuzii fi Gaambeellaa (Dhiiraa fi Dubara): 600 keessaa 222 fi isaa ol (dhibbeentaa 37)
Hawaasa Horsiise Bulaa fi Gartokkeen Horsiise Bulaa (Dhiiraa fi Dubara): 600 keessaa 222 fi isaa ol (dhibbeentaa 37)
Barattoota Qaroo Dhabeeyyii (Saayinsii Hawaasaa - Dhiiraa fi Dubara): 500 keessaa 185 fi isaa ol (dhibbeentaa 37)
Barattoota Gurraan Hin Dhageenye (Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa - Dhiiraa fi Dubara): 600 keessaa 222 fi isaa ol (dhibbeentaa 37)