Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti hojiin baruuf barsiisuu bara barnootaa 2019 boru Fulbaana 5, 2019 akka eegalamu Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalattii beeksiseera.
Biirichi qophii manneen barnoota magaalattii ilaalchisee, barattoota bu’aa qabeessota, naamuusa qabeessotaa fi dhaloota gahoome uumuuf hojiiwwan barnoota fooyya’aa kennuuf dandeessisan xumuramuu mirkaneesseera.
Barri barnootaa haaraan kun hojmaata barattoonni qabxii fi naamuusa fooyya’aa akka horatan taasiisu, hirmaannaa barsiisotaa fi barattootaa cimsuu fi qindoomina qaamolee qooda fudhattootaa guddisu irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu Biirichi ibseera.
Dabalataanis, bara barnootaa haaraa kanaaf dhiheessiin meeshaalee barnootaa, uffata seeraa yookaan Yuunifoormii fi sagantaan nyaata barattootaa guutummaatti qophaahuu ragaan Biiricha irraa argame ni mul’isa.
Muzayyin Maammaatu qindeesse