Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob damee Boolee hojii eegalchiisaniiru.
Komii uummataa kan ture rakkoo tajaajilaa hiikuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Kantiibaa Adaanach dubbataniiru.
Tajaajilli dijitaalwaa mootummaa giddugala tokkoo Addis Masoob kun ijaarsisaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramee teknooloojii barbaachisuun akka ammayyaahu taasifamuus Kantiibattiin ibsaniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kenniinsa tajaajila mootummaa sirnasaa eeggatee fi si'ataa gochuuf hojii eegale cimsuuf giddu gala Masoob bal’isaa jiraachuus himan.