Manni Marii Bakka Bu’oota Uummataa walgahii idilee 2ffaa waggaa 1ffaa taa'een, Mootummaa Itoophiyaa fi Waldaa Misooma Addunyaa (IDA) gidduutti pirojeektii haaromsa damee humna ibsaa, invastimantii fi ammayyeessaa marsaa 1ffaa raawwachiisuuf oolu Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 45.8 waliigalame irratti mari'achuun labsii liqichaa raggaaseera.
Mana Marii Bakka Bu'oota Uummataatti Ministiirri Itti waamamaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsa mana mariif kennaniin akka ibsanitti, kaayyoon liqichaa raabsaa humna elektirikii Finfinnee cimsuu, buufataalee humna haaraa ijaaruu fi kanneen durii fooyyessuu akkasumas sararoota raabsaa humna elektirikii lafa jalaa diriirsuu kan dandeessisu ta'uu ibsaniiru.
Waliigalteen liqichaa dhiheessii humna ibsaa amansiisaa fi ammayyaa ta'e Yaa'iiii Jijjiirama Qilleensa Addunyaa (COP 32) Itoophiyaan qopheessituuf dhiheessuuf gahee ol'aanaa qabaachuu dubbatan.
Liqichi waggoota 31 keessatti kan kaffalamee xumuramu ta'uun ibsameera.
Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataas dhimma liqichaa irratti bilchinaan erga mri'atee booda sagalee guutuun raggaasuu isaa, odeeffannoon mana marichaa irraa argame ni mul'isa.