Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) Kaabinee Mootummaa Ida’amuu Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataatiif wayita dhiheessan, aadaa bulchiinsa mootummaa Itoophiyaa bu’uura irraa jijjiiruuf ergaa cimaa dabarsaniiru.
Aangoon ulfina dhuunfaa fi qabeenyaaf osoo hin ta’iin, tajaajilummaa uummataaf qofa ta’uu isaa mirkaneessaniiru.
Ergichi aadaa "Yeroo muudamu kan hin nyaanne yeroo kaafamu ni gaabba" jedhu gara "Yeroo muudamu kan hin hojjenne yeroo kaafamu ni gaabba" jedhuutti jijjiireera.
Itoophiyaan ammaa hogganaa biiroo cufamee keessa taa’u osoo hin ta’in, gara uummataatti dhihaatee rakkoo furuu fi hirriiba isaa aarsaa godhu barbaaddi.
Muudamni iddoo boqonnaa osoo hin taane, iddoo qormaataa fi cichoominaati.
Falasama Ida’amuu keessatti sararoonni diimaan irra hin darbamne kan akka hannaa, dhibaa’ummaa, loogii fi firummaa diriirfamaniiru.
“Ministirri kamiyyuu malaanmaltummaa keessatti yoo argame sa’aatii 24 keessatti aangoo irraa kaafama. Manni Mariis raawwii isaanii hordofuu qaba.” Jedhan ergaa isaaniitiin Ministirri Muummee.
Safartuun hoggansa dhugaa bara kanaa, dubbii tiyaataraa osoo hin taane, bu’aa qabatamaa lafa irraatiin jireenya lammiilee jijjiiruuti jedha.
#MootummaaIda’amuu