Nageenya Saayibarii eegsisuun dhimma birmadummaa biyyaa ta’uun hubatamuu qaba - Alamtsahaayi Phaawuloos
*******************************

Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan wal qabatu ta’uu hubachuun hojiileen qindoominaa damee kanaan hojjetaman cimanii itti fufuu akka qaban hoggantuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ibsan.
Sirni jalqabsiisa baatii nageenya Saayibarii Biyyaalessaa 6ffaan raawwatamaa jira.
Hoggantuun Waajjira Ministira Muummee fi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ergaa dabarsaniin, waggoottan jijjiiramaa darban gama hundaanuu hojiileen misoomaa milkaa’oon hojjetamuu himan.
Hidha Haaromsaa Itoophiyaa Guddicha dabalatee Pirojeektonni gurguddoon eebbifamanii fi eegalaman kan bayyanachuun Itoophiyaa jalqabamuu agarsiisan kutannoo mootummaan misooma egeree fi guddinaaf qabu qabatamaan kan agarsiisanidha jedhaniiru.
Hojmaatawwan Dijitaalaa sochii guyyaa guyyaa lammiilee fi tajaajila mootummaa si’achiisan hojjetamuun jijjiiramoonni qabatamaa argamuu kaasaniiru.
Yeroo ammaa tajaajiloonni dhaabbileen kennaman 900 ol karaa teeknooloojii tajaajilamtootaaf kennamaa akka jiran eeraniiru.
Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan walitti hidhamu waan ta’eef hojiileen damee kanaan hojjetaman cimanii ittifufuu akka qaban hubachiisaniiru.
Baatiin nageenya Saayibarii hojiilee akka biyyaatti nageenya Saayibarii irratti hojjetaman hubachiisuuf carraa kan uumuu fi hojmaata qindaahaa dhaabbilee cimsuuf kan gargaarudha jedhan.
Kanaaf hojiileen nageenya Saayibarii ilaalchisuun guutuu biyyaatti raawwataman karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf hundi qoodasaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.