Ministeerri Aadaa fi Ispoortii dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun Nannoo Beeniishaangul Gumuz Aanaa Shirqoolleetti tajaajila tola ooltummaa ganna eegaluu isaa beeksise.
Ministirri Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaa, “Tajaajilli tola ooltummaa dhimmoota waloommaa Itoophiyaa cimsan keessaa tokko waan ta’eef xiyyeeffannoo itti kennuu qabna.” jedhaniiru.
Ministeerichi Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti namoota harka qalleeyyii 13f mana jireenyaa ijaaruu fi barattoota kuma 2f meeshaalee barnootaaf deeggarsa akka taasisee ibsaniiru.

Damee aadaa fi ispoortii irratti hirmaannaan maatii ispoortii fi aartistoonni ajandaalee biyyoolessaa keessatti qaban cimsanii itti fufuu isaanii ibsaniiru.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadlii Hasan gama isaaniitiin, hojiin tola ooltummaa waggoota darban naannichatti hojjetamaa ture bu’aa jajjabeessaa kan argamsiise ta’uu fi namoota rakkatan hedduudhaaf birmannaa kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Waajjiraalee naannichaatiin qofa, bara kana manneen 200 ol ta’an naanichatti tola ooltummaadhaan akka hojjetan ibsaniiru.