Barbaaduu

Buufata Niiwukilaaraa nageenyaaf oolu kan jabana teeknooloojiin Kompiitaraa otoo hojiirra hinooliin dura hojjetame

Nov 07, 2025

Buufata Niiwukilaaraa nageenyaaf oolu kan jabana teeknooloojiin Kompiitaraa otoo hojiirra hinooliin dura hojjetame

***********************************

Jaarraa walakkaadhaan dura uummanni addunyaa harki caalu jecha 'Nuclear' jedhu yeroo dhagahu, sodaa fi humna akka malee hamaa addunyaa barbadeessu qofaatu sammuutti isaatti dhufa ture.

Godaannisni suukaneessaan Waraanni Addunyaa 2ffaan dhiisee darbes sammuu namootaa keessaa hinbanne.

Kana malees gochi hammeenyaa Jaappaan, magaalota Hirooshimaa fi Nagaasaakii irratti raawwatame, namoonni meeshaan Niiwukilaraa miidhaa malee faayidaa akka hinqabnetti akka hubatan taasiseera.

Haalli kun otoo akkanaan jiruu taateen waa'ee hammeenya Niiwukilaaraa kana gara gaariitti geeddare tokko  dhagahame.

Saayintistoonni Sooviyeet, magaalaa xiqqoo gama Kibba Lixaatiin jirtu Abiniinsik jedhamtu keessatti walitti qabaman, hubannoo hammeenyummaa waa'ee Niiwukilaaraa sammuu namaa keessa ture waaraadhaan jijjiiraniiru.

Buufanni Niiwukilaraa Abiniinsik, adda durummaan anniisaa Niiwukilaraa kaayyoo nageenyaaf fayyadamuun akka danda’amu agarsiisuu fi biyyoota biroo qorannoo walfakkaatu damee kanarratti qoratan dursanii argamuuf ture kan hundeeffame.

Kana dhugoomsuuf ammoo gareen Saayintistoota Niiwukilaraa Saayintistii Niiwukilaraa Iigoor Kurchaatooviin durfamu bara 1951tti hojii jalqabe.

Yeroo sanatti, yeroo Teeknooloojiin Kompiitaraa hojii baayyee walxaxaa hojjechuuf dandeessisu hinturretti, Saayintistoonni Sooviyeet hoj-manee isaaniif kenname sammuudhuma isaaniitiin raawwachaa turan.

Haala kanaan, buufata anniisaa Niiwukilaraa dhimma nagaaf oolu addunyaa irratti isa jalqabaa kan ta'e waggaa sadii fi walakkaa booda, A. L. A  Waxabajjii 27 bara 1954tti dhugoomsuudhaan madda anniisaa ibsaatiif oolchuu danda'aniiru.

Buufanni anniisaa Niiwukilaraa seena qabeessi Raashiyaa Abiniinsik haala kanaan waggoota 48f balaa otoo hingeessisiin faayidaa kennaa tureera.

Boodarra sababa dulloomuu fi omishni humna isaa hir’achuutiin, akkasumas baasii haaromsuu isaa hir’isuuf bara 2002tti ifatti cufamee gara godambaatti jijjiirramuudhaan daawwatamaa jira.