Barbaaduu

Itiyoo Telekoom Tarsiimoo Haaraa waggoota sadan dhufanii fi karoora hojii Bara baajataa 2018 ifoomseera

Aug 26, 2025

Itiyoo Telekoom Tarsiimoo haaraa waggaa sadii qabateen oomisha isaa maraan Hojjiilee Nama irratti xiyyeeffatan hojjachuuf karoorfachuu beeksise.
Hariiroo Diinagdee qaxanaa cimsuu ilaalchisee kaampaaniiwwan Teeleebirriin akkaataa hojjachuu danda'an irratti kan Xiyyeeffatame ta'uu ibsameera.
Hojii Raawwachiistuu olaantuu Itiyoo Telekoom Fireewoot Taammiruu ibsa kennaniin Itiyoo Telekoom Misooma biyyaa ariifachiisuu fi Diinagdee Dijitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojiilee garaa garaa hojjachaa jira jedhan.
Tarsiimoon kun teeknooloojiiwwan haaraa hojiirra oolchuun akkaataa ummata giddu galeessa godhateen hojiirra kan oolu ta’uus eeraniiru.
Bu'uuruma kanaan Kallattii xiyyeeffannoo 6 bocuun hojii eegaluus ibsaniiru.
Babal'ina Tekinooloojii haaraa 4G, 5G dorgomtummaa Dijitaalaa isaa cimsuu, Fedhii qooda fudhattoota adda baasuun guutuuf karoora tarsiimoo irratti murteessuun hojjachaa jirras jedhaniiru.
Karoora waggaa sadii qabamee Ture akkaataa barbaadamuun milkeessuu kan dandaa'ame ta'uu ibsuun karoora waggoota Sadii Dhufaniif Ammoo caalmaatti Hojjachuuf qophii xumurameeras jedhan.
Hawwii Taaffasaatu gabaasee

Yaada keessan as irratti barreessaa.

Oduu Walqabatee: