Barbaaduu

Itoophiyaa badhaate, birmadummaa dijitaalaa ishee eegatte, kalaqaa fi teeknooloojiidhaan gahoomte

Dec 30, 2025

Itoophiyaa badhaate, birmadummaa dijitaalaa ishee eegatte, kalaqaa fi teeknooloojiidhaan gahoomte

********************************

 

Galmoota mootummaan badhaadhina mirkaneessuuf murteessoodha jechuun karoorse keessaa Dijiitaal Itoophiyaa Ijaaruun dhimmoota xiyyeeffannoon kennameefidha.

Carraa Itoophiyaa fuulduraa guddina kalaqaa fi teeknooloojii irratti ijaaruuf, Tarsiimoo Dinagdee dijitaalaa qulqullina qabuu fi yeroo waliin tarkaanfatu dinagdee hirmaachisaa ijaaruu kan dandeessisu bu’aan argamaa jira.

Galma kana milkeessuuf ammoo Mootummaan tarsiimoo Dijitaalaa 2025n qopheessee hojjechaa ture.

Dijitaal Itoophiyaa 2025 kallattii hundaan bu’aan ajaa’ibsiisaan kan itti galmaahe yoo ta’u, Tarsiimichi ergamasaa milkaahinaan xumuree Dijitaala Itoophiyaa 2030f dabarsee kenneera.

Dijitaala 2025 gabaa teeleekoomii banuu fi babal’isuun dhaqqabamummaa tajaajila Intarneetaa fi Mobaayilaa guddisuun akka danda’au taasiseera.

Pirojeektiin enyummeessaa Dijitaalaa Biyyaalessaa (Fayida) nageenyisaa eegame Itoophiyaanota hundaan gahuuf hojjetame, tajaajiloonni bulchiinsa dijitaalaa, tajaajilli dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila ammayyaa fi si’ataa gama qaqqabsiisuutiin bu’aa guddaan kan itti argamedha.

Kan biroon Sagantaa Koodarsii Miiliyoona 5nii dandeettii Dijitaalii babal’isuurratti bu’aan boonsaan argameera.

Dabalatais Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundaahuun, bu’uuraalee misoomaa Hawaasaa eegalamuu, Faayibarii Intarneetaa 4G/5G babal’isuu, gurgurtaa faayinaansii Dijitaalaa kanneen fakkaatan hundi agarsiistuu milkaahina ergama Dijitaala 2025ti.

Kana ka’umsa godhachuun mootummaan Tarsiimoo Dijitaalaa 2030 qopheessee hojirra oolchuu eegaleera.

Tarsiimoon kun birmadummaa Dijitaalaa kan eege, Itoophiyaa Kalaqaa fi Teeknooloojiin hundoofte uumuuf tarsiimoo deeggaru yoo ta’u, Tarsiimichi teeknooloojii Mala Jireenyaa gochuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha.

Utubaawwan Tarsiimichaa jedhamanii kan eeraman keessaa: –

11. Dhaqqabamamummaa babal’isuu- garaa garummaa Dijitaalaa magalaa fi baadiyaa gidduu jiru dhiphisuun lammiileen bakka kamittuu fayydamoo teeknooloojii akka ta’an gochuu.

22. Carraa wal-qixa uumuu - Lammiileen Dinagdee Dijitalaa keessatti hirmaannaa fi fayyadamummaa wal-qixaa akka qabaatan haala mijataa uumuu.

3. Wal amantaa ijaaruu - dhaabbilee fi lammiilee gidduutti nageenyaa saayibarii fi eegumsa Daataa mirkaneessuun sirna Dijitaalaa nageenyisaa eegame ijaaruun keessatti argama.

Akkasumas Tarsiimoon kun Itoophiyaan Dinagdee dijitaalaa addunyaa keessatti dorgommii qabdu kan itti mirkaneessituu fi tajaajiloonni mootummaa ifaan lammiileef karaa itti dhihaatan kan mijeessudha.

Kanarra darbees tarsiimichi gama qonnaan, Meeshaalee Dijitalaa ammayaa hammachiisuun, omishtummaa fi qulqullina tajajilaa guddisuu, faayinaansii fi barnootaan, hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneesuu fi yaadama kalaqa dijitaalaa dhaloota boruu idileessuu, carraa hojii uumuu, dargaggoota kalqxoota hojii dijitaalaaf haala mijataa uumuun dandeettii kalaqa isaanii gara sona dinagdeetti akka jijjiiran dandeessisuuf faayida qaba.

Itoophiyaa bakkeewwan hawata Tuuriistii filannoowwan dijitaalaan Addunyaaf beeksisuun galii sharafa alaa guddisuun galma tarsoomoo kanaa isa biroodha.

Dijitaal Itoophiyaa 2030 Appilikeeshinoota qabeenya uumaani fi dandeettii dijitaalaa sadarka ol’aanaan guddisuun hirmaachisummaa faayinaansii karaa teeknooloojiin dijitaalaa mirkaneessuu fi lammiileen sochii Dinagdee biyyaa keessatti hirmaannaa gaarii akka taasisan dandeessisuuf ergama qaba.

Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa