Barbaaduu

Godina Iluu Abbaaboor – Qulqullina Bunaa

Nov 17, 2025

Godina Iluu Abbaaboor – Qulqullina Bunaa
**************************

 

Godina Iluu Abbaabooritti  omishni Bunaa diimatee jiru rooba yeroo malee roobaa jiruun akka hin mancaane qonnaan bultoonni humna walootiin  sassaabuu akka qaban bulchaan godinichaa Indaalkaachoo Tafarii hubachiisan.

Godinichatti qonnaan bultoonni aanaa Mattuu misooma Bunaa irratti bobba’an, kanaan dura xiyyeeffannoon damee kanaaf kenname laafaa ta'uu isaatiin bu'aa dadhabbii isaaniitiin wal madaalu argataa akka hinturre himan.

Yeroo ammaa kana garuu sanyii Bunaa omishtummaan isaa ol'aanaa ta'e misoomsuudhaan qulqullina isaas eeganii gabaaf dhiheessaa jiraachuu isaaniitiin haalaan fayyadamaa akka jiran  eeran.

Bulchaan Godina Iluu Abbaaboor obbo Indaalkaachoo Tafarii, omishtummaa Bunaa guddisuudhaan qulqullina isaas fooyyessuuf hojii xiyyeeffatamee raawwatameen milkaanni argamuu himan.

Haaluma kanaanis Godinichatti omisha Bunaa duraan giddu galeessaan lafa heektaara tokko irraa kuntaala 6 argamaa ture gara kuntaala 10.7tti guddisuun akka danda'ame obbo Indaalkaachoon himaniiru. 

Hogganaan Waajjira Qonnaa godina Iluu Abbaaboor obbo Chaalaachoo Addunyaa, godinichatti bara kana Buna qulqullinni isaa eeggame toonii kuma 74 gabaa giddugaleessaatti dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Godina  Iluu Abbaabooritti qonnaan bultoonni kuma 100 fi kum 15nii ol misooma Bunaa irratti bobba'anii akka jiran, ragaan waajjira qonnaa godichaatii argame ni mul'isa.

Miftaah Abdulqaadiriin